Finfinnee, Hagayya 27, 2017 (FMC) – Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi Addunyaa irratti sirni bulchiinsaa haqa qabeessi akka jiraatuuf biyyoonni tumsaan akka hojjetaniif waamicha dhiyeessan.
Pireezidaantichi kana kan jedhan yaa’ii Tumsa Shaangaayi magaalaa Tiyaanjiinitti geggeeffame irratti.
Kaka’umsi bulchiinsa addunyaa walqixxummaa walabummaa deeggaruu, olaantummaa seeraa idil addunyaa kabajuu, sirna gam-hedduu shaakaluu, adeemsa uummata bu’uureffate deeggaruu fi tarkaanfilee qabatamoo fudhachuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Sodaawwan fi qormaatilee haaraan yeroo irraa yerootti dabalaa dhufuu eeranii, addunyaan yeroo jijjiiramaa haaraa keessa galteettis jedhan.
Mootummoonni Gamtoomaniis bulchiinsa idil addunyaa keessatti ga’ee isaa ijoo ba’achuu akka qabu akeekkachiisaniiru.
Biyyoonni jabinaa fi qabeenyaan utuu hindaanga’iin, qixa hirmaachuu, murtii kennuu fi sirna bulchiinsaa idil addunyaa irraa fayyadamoo ta’uu akka qabanis dubbataniiru.
Dhaabbanni Tumsa Shaangaayi ga’ee dursummaa isaa ba’uun fi kaka’umsa bulchiinsa idil addunyaa raawwachiisuun fakkeenya ta’uun addunyaa jijjiiramaa kana keessatti humna tasgabbii ta’ee itti fufuu akka qabus yaadachiisaniiru.
Walga’ii Kaka’umsa bulchiinsa idil addunyaa irratti hoggantoonni biyyoota 20 olii fi hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa 10 ol hirmaataniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.