Sirni Shaabiyaa lammata ummata keenya akka miidhu carraa hin laannu – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Sirni Shaabiyaa lammata ummata keenya akka miidhu carraa hin laannu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Yoo yaalanis yaalii isa dhumaa ta’a jedhan.

Sirni shaabiyaa jira jechuuf yaaliwwan adda addaa taasisaa jiraachuu ibsan Dooktar Abiy Ahimad Af gaaffii Afaan Tigreen taasisaniin.

Sirni Shaabiyaa misoomatti hin amanu, ce’umsa aangootti hin amanu, ijoolleefi ijoollee ijoollee isaa hin amanu.

Ummanni hojii jaalatuu fi hojii uumuuf dandeettii qabu ummanni Eertiraa mootummaa maluuf hin arganne jedhan.

Shaabiyaan wayita aangoo qabatu Eertiraa keessa warshaalee 300’tu ture, har’a hundi barbadaa’aniiru jechuun ibsan.

Yeroo sana Yuunivarsiitii Asmaraa kan jedhamutu ture; innis cufameera kan jedhan Dooktar Abiy, har’a Eertiraan akka biyyaatti Yuunivarsiitii tokkoyyuu kan hin qabne ta’uu eeran.

Uummanni Eertiraas biyya isaa dhiisee gara Ugaandaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Itiyoophiyaa fi biyyoota hundatti godaanuun Eertiraan duwwaa hafaa jiraachuu dubbatan.

Nuti muuxannoo keenyarraa kan baranne humna kanarraa wanta gaarii argachuun waan hin yaadamneef uummata keenya akka miidhuuf carraa hin kenninuufi; akka tasaa yoo yaale ammoo yaalii xumuraa ta’a jedhuun himan.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment