Siyaasni hirmaannaa fi qooda fudhannaa dubartootaan itita – Obbo Saadaat Nashaa

Finfinnee, Amajjii 7, 2018(FMC) – Siyaasni hirmaannaa fi qooda fudhannaa dubartootaan itita jedhan Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastera hawaasumma Obbo Saadaat Nashaan.

Waltajjii maree karoora qindoomina jaarmiyaalee dubartootaa Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaan qophaa’uun Magaalaa Bishooftuutti taa’ame irratti kan argaman Obbo Saadaat Nashaa, gartokkeen hawaasaa dubartoota ta’uu ibsanii, dubartoota dinagdeen cimsuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara kana ergama lamaan dinagdee ijaaruu fi filannoo haqaa geggeessuun sirna ijaaruuf hojjanna kan jedhan obbo Saadaat, Siyaasnis hirmaannaa fi qooda fudhannaa dubartootaan akka ititu ibsaniiru.

Filannoo fudhatama qabuu fi diimokiraatawaa ta’e karaa nagaan raawwachuuf duula filannoorraa jalqabee hanga xumura filannootti ga’een dubartootaa guddaa ta’uus hubachiisaniiru.

Inisheetiviiwwan waggoottan darban bocamanis gama dubartootaan milkaa’aa akka jiru ibsuun, gama tajaajila lammummaafi rakkoo nageenyaa furuutinis hojjechaa turuu isaanii eeraniiru.

Ammas hiyyummaa fi duubatti hafummaa injifachuun sirna ijaaruu keessatti dubartoonni cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, ijaaramanii waan qaban irraa akka qusataniifi liqeeffachuun hojjetanii dinagdeen of danda’uu akka qabanis dhaamaniiru.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immani Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa gama isaanitiin, kaayyoon waltajjii kanaa qindoomina jaarmiyaalee dubartootaa cimsuun hojiiwwan idilee sirnaan akka raawwatanii fi filannoon marsaa 7ffaa bara kana geggeeffamu karaa nagaa, haqaa fi diimokiraatawaa ta’een akka raawwatamuuf jaarmiyaaleen qindoominaan akka hojjetaniif hubannoo uumuun barbaachisaa ta;uu dubbatan.

Miseensonni jaarmiyaalee dubartootaa waltajjii marii kanarratti hirmaatanis kutannoo fi ciminaan qindoomanii hawaasa bal’aa waliin hojjechuuf qophii ta’uu himuu isaanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa aragame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment