Sooftiweeriin filattoonniifi kaadhimamtoonni onlaayiniin ittiin galmaa’an qophaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017(FMC) – Boordiin Filannoo biyyaalessaa sooftiweerii filattoonniifi kaadhimamtoonni filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa karaa onlaayinii ittiin galmaa’uu danda’an misoomsuu beeksise.

Boordichi sirna bulchiinsa teeknooloojii galmeessa filattootaafi kaadhimamtootaa teeknooloojiin deeggaramuun raawwachuu dandeessisurratti paartilee siyaasaa waliin mari’achaa jira.

Dhaabbatichi hojii teeknooloojii filannoo hojiirra oolchuu dandeesisu hojjechaa turuu Walitti qabduun boordichaa Meelaatawarq Hayiluun kaasaniiru.

Mariin guyyaa har’aas sirna bulchiinsa filannoo teeknooloojiin deeggaruu paartilee siyaasaaf dhiyeessuun galtee walitti qabuuf akka ta’e himan.

Adeemsonni filannoo Itiyoophiyaa darban maanuwaalii akka turan yaadachiisuun, filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaaf Sooftiweeriin filattoonniifi kaadhimamtoonni bakka jiranii onlaayiniin galmaa’uu danda’an misoomeera jedhan.

Sooftiweeriin kun adeemsa filannoo irratti iftoominaafi itti gaafatamummaa kan mirkaneessu ta’uus hubachiisan.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment