Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) – Soomaaliyaafi Sudaan Kibbaa waliin elektirikiifi daandiin walitti hidhamiinsa uumuuf tattaaffiin eegalameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Pirojektiin maddisiisa anniisaa qilleensaa Ayishaa-2’n bakka Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’el Oomaar Giilee fi Pirezidaantiin Soomaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud argamanitti eebbifameera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad sagantaa eebba pirojektichaa irratti ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan bu’uurri egeree Afrikaa inarjii humna haaromfamaa irratti hundaa’uu qaba jettee amanti jedhan.
Kanumarraa ka’uun naannoo Somaaleetti pirojektii maddisiisa anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 eebbifamuun filmaatawwan anniisaa haaromfamaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Guddinniifi inarjiin Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa biyyoota naannawaan alaafi qofaa guddachuun akka hin mirkanoofne eeraniiru.
Itiyoophiyaafi Jibuutii gidduutti walitti hidhamiinsi elektirikaa, bishaan dhugaatiifi daandii sadarkaa olaanaan babal’achaa akka jiru kaasaniiru.
Jibuutiin Itiyoophiyaaf damee hundaan dhiyoofi biyya baayyee murteessituu waan taateef invastimantiin Itiyoophiyaa garri caalu Jibuutii waliin walitti hidhamiinsa qabaachuu ibsaniiru.
Sudaan, Keeniyaafi Taanzaaniyaa waliin elektirikiifi dameewwan biroon tumsaan hojjetamaa jiraachuu kaasanii, yeroo dhiyootti Soomaaliyaafi Sudaan Kibbaa waliin elektirikiifi daandiin walitti hidhamiinsa uumuuf tattaaffiin eegalameera jedhan.
Milkaa’ina isaafis gama Itiyoophiyaan akkasumas Soomaaliyaafi Sudaan Kibbaan tattaaffii barbaachisaan kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.