Finfinnee, Amajjii 29 , 2018 (FMC) – Sosochii ‘Barnoota Dhalootaaf’ jedhuun qabeenyi Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 200 ol walitti qabameera jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Manni Maree bulchiinsa magaalichaa Yaa’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessaa jira.
Aadde Adaanech Abeebeen hojiilee baatiiwwan jahan darban hojjetaman irratti gabaasa mana marichaaf dhiyeessaniin, waggoottan jijjiiramaa darbanitti damee barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennamee hojii hojjetameen bu’aalee jajjabeessaan galmaa’aniiru jedhan.
Lakkoofsa barattoota qormaata sadarkaa magaalaa kutaa 6ffaa walakkaa ol fidanii gara %95’tti akkasumas kan kutaa 8ffaa gara %88.8’tti guddisuun akka danda’ame ibsaniiru.
Bara 2013 lakkoofsi barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii walakkaa ol galmeessanii %25.45 akka ture yaadachiisanii, lakkoofsa kana gara %31’tti guddisuun danda’ameera jedhan.
Garaagarummaa qabxii manneen barnootaa dhuunfaafi mootummaa gidduu ture walitti dhiyeessuu irrattis bu’aan galmaa’uu kaasaniiru.
Hirmaannaafi haqummaa barnootaa guddisuun dhaloota beekumsaafi naamuusa gonfate horachuuf simannaa barattootaa sadarkaa 1ffaan duraa hanga sadarkaa 2ffaa gara miiliyoona 1 fi kuma 300’tti guddisuun danda’amuus eeraniiru.
Hojii sosochii ‘Barnoota Dhalootaaf’ jedhuun hojjetameen qooda fudhattoota hirmaachisuun qabeenya biiliyoona 1.32 walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti qabeenyi Birrii biiliyoona 2. 23 walitti qabamuu ibsaniiru.
Sagantaa nyaata barattootaan barattoonni kumni 900 fi kumni 40 ol guyyaatti si’a lama akka sooratan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Yuunifoormiin barattootaa, meeshaaleen barnootaafi gaawoniin barsiisotaa yeroon akka isaan qaqqabu gochuun sababa dhiibbaa diinagdeen hanga barattootaa barnoota addaan kutanii fi daree irra deebi’anii hir’isuun akka danda’ames dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.