Sosochii “Barnoota Dhalootaaf”n manneen barnootaa kumni 7 ol ijaaraman

Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Sosochii “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun manneen barnootaa kumni 7 fi 900 ijaaramuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Sadarkaa biyyaalessaatti manneen barnootaa kuma 50 keessaa %80 sadarkaan gadi ta’uu Ministeera Barnootaatti Itti gaafatamaan Fooyya’iinsa Sagantaaleefi Qulqullinaa Daawwit Azzeneen himan.

Manneen barnootaa sadarkaan gadi ta’an fooyyessuufi tajaajila qulqulluu akka kennaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Sosochii “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun hanga ammaatti manneen barnootaa idileen duraa, sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa kumni 7 fi 900 ijaaramaniiru.

Bifuma walfakkaatuun sosochii kanaan manneen barnootaa kumni 29 fi 900 haaromfamuufi suphamuu Daawwit Azzeneen Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.

Hawaasni sosochii kana milkeessuuf humnaa isaan, beekumsaafi maallaqaan deeggaruuf hirmaannaan taasise jajjabeessaadha.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment