Sosochiin addaa waraqaa eenyummeessa biyyaalessaa eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Sosochiin addaa waraqaa eenyummeessa biyyaalessaa guyyoota sadiif turu eegalame.

Sosochiin har’a eegale kun lakkoofsa galmooftootaa haala addaan dabaluuf yaadamee ta’uu SagantaaWaraqaa eenyummeessa Itiyoophiyaatti daayrektarri galmeessaa obbo Heenok Xilahuun dubbataniiru.

Sosochiin addaa kun hanga Dilbata dhufuutti kan itti fufu yoo ta’uu, addatti kutaalee hawaasaa damee barnootaarratti argamanirratti xiyyeeffata jedhan.

Kanaanis kutaalee hawaasaa manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa hanga dhaabbilee olaanoo jiran bira bal’inaan gahuuf karoorfamuu kaasan.

Keessattuu lammiileen sababa hojiin guyyoota hojii carricha hin arganne guyyoota boqonnaa lamaan itti aanan keessa tajaajila galmee akka argatan naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaa lamaanitti tajaajilli galmee kan raawwatu ta’uu dubbatan.

Hanga ammaatti lammiileen miiliyoonni 26.7 ol waraqaa eenyummeessaa biyyaalessaa argachuu eeruun, bara baajataa kana lammiilee miiliyoona 40 ol galmeessuuf karoorfamuu ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment