Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu bu’aa jajjabeessaa galmeesseera -Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebla 25, 2017(FMC) – Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu waggaa sadii dura eegalame gama Indaastirii oomishaa guddisuutiin bu’aa jajjabeessaa galmeessuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad sirna baniinsa agarsiisa Itiyoophiyaan haa oomishtuurratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Agarsiifni idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu guyyoota shaniif turu mata duree ‘Itiyoophiyaan haa oomishtu, nutis haa bitannu’ jedhuun dhiyeessitoonni 288 hirmaachisu bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy dabalatee hoggantoonni olaanoon argamanitti banameera.

Waggoota saddiifi walakkaa keessatti humna homishuu Indaastriiwwanii % 46 ture gara % 61tti guddisuun danda’ameera jedhan.

Damee indaastirii waliigalaa keessa Indaasiriin oomishaa utubaa dinagdee murteessaa akka ta’uuf karoorri badhaadhinaa waggaa 10 ba’ee hojiitti akka galames yaadachiisaniiru.

Dameen Indaastirii oomishaa itti fayyadama biyya keessaa bira darbee oomishaalee damee qonnaa gabaa alaaf dhiyeessuu danda’u ijaaruuf xiyyeeffannaa guddaan kennamee hojjetamaa turus kaasaniiru.

Dameen Indaastirii damee qonnaa cimsuuf maashineerota hedduu oomishaa turuus eeraniiru.

Kunis oomishaalee Itiyoophiyaan alarraa galchitu kan biyya keessaan bakka buusuun danda’amuu kan ibsan Dooktar Abiy, oomisha qamadii waggaatti birrii biiliyoona 1 oliin galchaa turte humna keessoon oomishuun akka danda’ame akka fakkenyaatti kaasaniiru.

Oomisha bunaas gabaa alaaf dhiyeessuuf hojiiwwan hojjetameen buna toonii kuma 400 gabaa alaaf dhiyeessuun galiin doolaara biiliyoona 2 argamuu himuun, oomisha bunaa irratti sona dabaluu keessattis dameen Indaastirii oomishaa qooda isaa akka ba’ate dubbataniiru.

Hojiiwwan damee albuudaa ammayyeessuuf hojjetamaniinis albuudota gabaa alaatti erguun sharafni alaa akka argamuuf Indaastiriin oomishaa akka riqichaatti gargaareera jedhan.

Damichi gama misooma tuurizimii fi sirnoota dijiitaalaa akka Teekinooloojii fi Innooveeshiniitii, hubannoo namtolchee, faayidaa fi Masoob faa ijaaruutiin gumaacha guddaa gummaacheeras jedhan.

Waarshaaleen hojii dhaabanii turan, Indaastiriiwaan haaraan, Indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa hojii eegaluu isaanii fi qoodni Indaasitiriin gabaa keessatti qabus akka guddatuuf dameen indaastirii oomishaa ga’ee guddaa taphateera jedhan.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment