Sosochiin “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu” dandeettii indaastirii guddisuun egereef bu’uura kan kaa’udha- Pireez. Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Ebla 28, 2017(FMC)-Sosochiin “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu” dandeettii indaastirii guddisuun egereef bu’uura kan kaa’udha jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Eksipoo “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu 2017” Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jiru daawwataniiru.

Daawwannichaan booda ibsa kennaniin, fedhiin Itiyoophiyaa oomishtummaa dabaluun guddina waliigalaa biyyaalessaa fooyyessuu ta’uu dubbataniiru.

Oomishaaleen bu’aalee gogaa irraa hojjetamanii eksipocharratti dhiyaatan sadarkaa qulqullinaa idil-addunyaa kan guutanidha jedhan.

Sosochiin “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu” oomishaalee sadarkaa idil-addunyaa eegan akka oomishaman taasisuurra darbee bakka gahumsa gabaa Itiyoophiyaa kan bal’isu ta’uu eeraniiru.

Dandeettii oomishuu indaastiriiwwan oomishaa guddisuun carraa hojii kan uumuufi egereef bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.

Dadammaqiisni eksipoo kanarratti mul’ate dandeettii oomishuu Itiyoophiyaa akka guddisu kaasanii, Itiyoophiyaan dandeettii oomishuu qabaachuusheefi indaastiriin biyyattii abdii egeree ta’uu kan mul’ise jedhaniiru.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment