Sosochiin Tajaajilli tuuristii qulqullina akka qabaatu taasisu eegaluufi

Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC)- Sosochiin tajaajilli tuuristii qulqullina akka qabaatu taasisuuf kayyeeffate eegaluufi jedhan Ministirri Tuurizimii Salaamaawit kaasaan.

Sosochichi mata Duree “Qulqullini Tajaajilaa Anarraa eegala “ jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Sosochichi qooda fudhattoota garaagaraa kan hirmaachisu ta’uu ibsuun, Tajaajilli dhaabbileen tajaajila tuuristii kennan qulqullina akka qabatuuf kan kayyeeffateedha jedhan.

Bara baajatichatti qulqullina tajaajila dhaabbileen tuuristii kennanirratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Naannoolee dabalatee caasaaleen mootummaa bakkewwan hawwata tuurizimii jiran sosochichatti makamuun dhaabbilee tajaajila tuuristii kennaniif hojiin hubannoo uumuu waloon kan hojjetamu ta’uu eeraniiruu.

Feevan Bishaawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment