Sudaan Kibbaa Hidhicharraa Anniisaa argachuuf yeroo dhihootti Waliigaltee ni mallatteessiti- Pireezidaanti Saalvaa kiir

Finfinnee Qaammee 3, 2017 (FMC)- Sudaan Kibbaa Hidha Guddicha Haaromsaarraa Anniisaa argachuuf yeroo dhihootti Waliigaltee ni mallatteessiti jedhan Pireezidaantiin biyyattii Saalvaa kiir Maayaardiit.

Pireezidaantichi sirna eebbaa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaarratti argamuun ergaa dabarsaniin, Afrikaarraa isa jalqabaa kan ta’e Hidhi Haayidiroo Elektirikii ijaarame xumuramuutti baga gammadan jedhan.

Hidhichi Itiyoophiyaarra darbee biyyoota naannawichaa fayyadamoo anniisaa kan taasisu ta’uu eeruun, dhiheenyattii biyyi isaanii waliigaltee anniisaa elektiriki argachuuf dandeessisu ni mallatteessiti jedhan.

Kunis hanqina anniisaa Elektirikii Sudaan Kibbaa Manneen Barnootaa, Hospitaalootaa fi magaaloota keessatti mul’atu kan furuu ta’uu ibsuun, Hidhichi Ummata Sudaan Kibbaaf boqonnaa haaraa kan banuu ta’uu eeran

Akkasumas hidhichi biyyoota lameen bu’uuraalee misooma anniisaan walitti hidhuun fayyadamummaa diinagdee kan guddisu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment