Finfinnee, Hagayya 13, 201 7(FMC) – Akkaataa labsii Taaksii dabalata qabeenyaan hammi Taaksii (VAT) %15 ta’ee akka itti fufu murtaa’eera jedhe Ministeerri Maallaqaa.
Labsiin taaksii dabalata qabeenyaa duraan ture hamma taaksiin alatti fooyya’iinsa adda addaa hammachuun waggoota 30 booda fooyya’uun bara 2017 hojiirra ooluu isaa Ministeerichi ibseera.
Qoodni galii taaksii duraanii oomisha waliigalaa biyya keessaa qooda %12 ol ture waggaa waggaan hir’achaa gara % 7 gadiirra ga’uu ibsuun, hir’ina waliigalaa kana keessaa %44 qooda taaksii dabalata qabeenyaa ta’uunis eerameera.
Seerri taaksii dabalata qabeenyaa haalli dinagdee amma jiru jijjiirama waggoota itti aananii waliin walsimsiisuun ka’umsi tarsiimoo galii bara giddugaleessaa fooyya’ee bara baajataa 2017tti hojiirra akka oolu ta’eeras jedhe.
Akkaataa fooyya’iinsa kanaan hammi galii taaksii dabalata qabeenyaa %15 ta’ee akka itti fufu murtaa’uu Ministeerri Maallaqaa beeksissera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.