Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoobitti hojimaanni Interpiraayizii Diijitaalaa haaraan eegalame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2017(FMC) – Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoobitti hojimaanni Interpiraayizii Diijitaalaa haaraan eegalamuu Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamil ibsan.

Tajaajiloota hojimaatichi kennu keessaa lama tajaajila eegaluu eeraniiru.

Tajaajiloonni kunneenis eeyyamaafi haaromsa hojii lammiilee biyya alaa fi interpiraayizii diijitaalaa ta’uu ibsaniiru.

Interpiraayiziin diijitaalaa akka biyyaatti haaraa ta’uu kaasanii, tajaajilichi hojimaata mijataa hin taane  kan hambisu ta’uu himaniiru.

Adeemsi Kanaan dura interpiraayiziin gurmaa’uu dhaabbilee hedduu bira deemuu kan gaafatuufi dhamaatii kan uumu ta’uu yaadachiisuu isaanii TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment