Finfinnee, Sadaasa 19, 2018 (FMC) – dhaqqabummaa tajaajila inshuraansii Fayyaa qulqullina qabu babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Tajaajilli Ishuraansii Fayyaa Itiyoophiyaa.
Daayrektarri Olaanaa tajaajilichaa obbo Tasfaayee Warquu, inshuraansiin fayyaa lammiilee humna kaffaluu hin qabne tajaajila fayyaa barbaachisaa akka argataniif gahee isaa bahachaa jira jedhan.
Tajaajilli ishuraansii fayyaa naannoolee hunda bulchiinsa magaalaa kuma 1fi 195 keessatti hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan abbootiin warraa miiliyoonni 13. 67 miseensa horachuu eeruun, lammiileen miiliyoonni 63 fayyadamtoota inshuraansii fayyaa ta’uu ibsaniiru.
Fuuldurattis bakkewwan inshuraansiin fayyaa hinqaqqabne waliin gahuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.