Tajaajila liqaa diijitaalaa qonnaan bultootaaf kennamu cimsuuf…

Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Ministeerri Qonnaafi Baankiin Awaash hammattoo tajaajila liqaa diijitaalaa qonnaan bultootaaf kennamu irratti waliin hojjechuuf mallatteessan.

Baankiin Awaash sirna diijitaalaa qonnaan bultoonni tajaajila liqaa ittiin argatan “ Awash E-Farm” misoomsuun ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa wayita kana oomishtummaa damee qonnaa guddisuuf hojimaatilee teeknooloojiin deeggaraman cimsuun barbaachisaa ta’uu eeran.

Waliin ga’iinsi liqaa damichaa %10 akka hin caalle kaasanii, hojii Baankiin Awaash eegale kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila liqaa qonnaan bultootaaf kennamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisus hubachiisaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Maarkeetiingi Baankii Awaash Yohaannis Margaan gamasaaniin, Baankichi hojimaatilee haaraa diriirsuun damee faayinaansiin hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu ibsan.

Baankichi sirna diijitaalaa ‘E-Farm’ jedhamu misoomsuun qonnaan bultoonni tajaajila liqaa akka argatan dandeessiseera jedhaniiru.

Tajaajilichi qonnaan bultoonni galteewwan akka xaa’oo biyyee, sanyii filatamaafi kanneen biroo haala salphaan akka argatan kan dandeessisu ta’uus ibsaniiru.

Soosinnaa Alamaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment