Tajaajila Tola Ooltummaa Walta’iinsaa fi walummaa cimse

Dargaggoonni dhaaltota biyyaa waan ta’aniif, biyya har’aa kan isaan dhaalchisan maanguddoota tajaajiluun egeree ijaaru.

Walitti hidhamiinsa jireenyaa bareedaa kana keessatti, waan qaban arjummaan kennuun, daandii jireenyaa dheeraa sana ogummaa fi naatoon akka geggeessaniif kan isaan dandeessisu beekumsa fi dandeettiiwwan gatii qabeessa ta’e horatu.

Kunis dargaggoonni dhaloota seenaa duriin akka walbaran, cimina biyyi eenyummaa ishee har’aa ittiin ijaarratte akka hubatan, birmadummaa ishee eeggattee akka itti fuftu taasisa.

Akkaataa qajeeltooa kanaan, dargaggoonni Itiyoophiyaa waggoota darban keessatti mana maanguddootaa fi namoota humna hin qabnee haaromsuu, barnoota, fayyaa, eegumsa naannoo, misooma bu’uuraa fi dameewwan biroo irratti tattaaffiiwwan murteessoo taasisuun biyya isaanii amanamummaadhaan tajaajilaa jiru.

Hirmaannaa kanaan jireenyi lammiilee hedduu suphameera, imimmaan gaddaa isaanii haqameera, akkasumas abdiin jireenyaa isaanii akka itti fufu taasifameera.

Miirri tokkummaa fi abbaa biyyummaa guutuu biyyattiitti dagaagera.

Yaadama Mootummaa Ida’amuun lammiileen hedduun yeroo isaanii, humnaa fi ogummaa isaaniin hawaasa tajaajilaa jiru.

Akka ragaan Ministeera Dhimma Dubartooraa fi Hawaasummaarraa argame mul’isutti, lakkoofsi tola ooltotaa akkaan dabaleera.

Waggoottan sadan darban keessa qofa dargaggoonni miiliyoona 22.4 ta’an lammiilee isaanii tajaajilaa jiru.

Sagantichaan abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen deeggarsa loojistiksii akka taasisan kakaasuun, sirna itti fayyadama qabeenya mootummaa fi damee dhuunfaa cimseera.

Malli qindeessuu mootummaa guddachaa dhufuun sirna tajaajila tola ooltummaa gara hojmaata waaraatti guddiseera.

Tola Ooltummaan gara pirojektoota qindaa’aa fi dhiibbaa uumanitti jijjiiramuun, bu’uura misooma biyyattii ta’uu isaa itti fufeera.

Mihiraat Dammiseetiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment