Tajaajilli galmee kontiraata daldala alaafi eeyyama alergii onlaayinii qofaan Kennamuu eegale

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – kenniinsi tajaajila galmee kontiraata daldala alaa fi eeyyama alergii guutummaatti onlaayiniin kennamuu eegale jedhan Ministirri Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee.

Ministirichi akka jedhanitti, kanaan dura tajaajilli galmee kontiraata daldala alaa fi eeyyama alergii karaa maanuwaaliin kennamaa ture guutummaatti gara sirna marsariitiitti(online) jijjiirameera.

Fooyya’iinsi tajaajila dijiitaalaa kun ergitoonni tajaajila barbaadan bakkuma jiran irraa dhamaatii malee akka argatan kan dandeessisuu dha jedhan.

Walga’iinsa bal’isuu, lammiileef carraa walfakkaataa uumuu fi walamantaa cimsuuf faayidaa guddaa akka qabus Faanaa dijiitaalitti himaniiru.

Appilikeeshiniin hojimaata kanaa daldala alaa bu’aa guddaa fidaa jiru caalmaatti akka si’eessuu fi fooyya’iinsa dinagdee biyyaalessaaf humna guddaa akka uumus hubachiisaniiru.

Fuulduraafis tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030’n hojiiwwan sirna daldalaa ammayyeessan gama hundaan hojjechuun cimee akka itti fufu mirkaneesaaniiru.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment