Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob komii uummanni kenniinsa tajaajilaarratti qabu ni fura- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob komii uummanni kenniinsa tajaajilaarratti qabu waaraan fura jedhan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan Tajaajila Giddugala Tokkoo magaalaa Dasee hojii eegalchiisaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana magaalaan Dasee yeroo ammaa sochii misoomaa guddaa irratti kan argamtu ta’uu kaasanii, Tajaajilli Giddugala Tokkoo kunis imala misoomaa eegalame ariifachiisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsan.

Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob yeroofi humna maamiltootaa qusachuun hariiroo uummataafi mootummaa gara sadarkaa olaanaatti kan kan guddisu ta’uus dubbataniiru.

Hojimaata badaa dhabamsiisuun tajaajila ammayyaafi qulqullina qabu kennuu kan dandeessisu ta’uu kaasanii, giddugalli magaalichatti hojjetame gaaffii tajaajilarratti uummanni waggaa dheeraaf kaasaa tureef deebii kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Misoomni kooridarii marsaa jalqabaa magaalichaas miidhagina magaalaa Dasee mul’isaa jiraachuu eeruun, raawwii olaanaaf uummanniifi hoggansi waliin hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Misoomni eegalame galma akka gahuuf uummanni nageenyaaf waardiyyaa ta’ee dhaabbachuu akka qabus dhaamuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment