Finfinnee, Waxabajjii 17, 2017 (FMC)- Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob sirna hammataa lammiileen hundi qixa itti keessummeeffamanidha jedhan Hoggantuun Waajjira Ministira Muummeefi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Alamtsahaay Phaawuloos.
Sagantaan xumuraa Fooramii Bulchiinsa Tajaajila Mootummaa Gamtaa Afrikaa 10ffaan bakka hoggantoonni gamtichaa, hoggantoonni biyyoota miseensaafi keessummoonni biroon argamanitti gaggeeffameera.
Alamtsahaay Phaawuloos saganticharratti, Itiyoophiyaan tajaajiloota uummataa saffisiisuuf hojiilee hojjette akka muuxannootti wayita qooddu kabajatu nutti dhagahama jedhan.
Yaadni ijoon fooramii Bulchiinsa Tajaajila Mootummaa Gamtaa Afrikaa bara kanaaf kenname mul’ata waloo dhaabbilee dhugoomsuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Magaalaa Afrikaa kan taate Finfinneetti Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Haaromsa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa, Ijaarsa Godaambaa Saayinsii, Misooma Kooriidarii dabalatee piroojektoonni misooma tuurizimii babal’achaa jiraachuu eeran.
Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob fedhii tajaajilaa uummataa giddugala kan godhateefi lammiileen hundi teeknooloojiin deeggaramuun, kabajaafi miira itti gaafatamummaan kan itti tajaajilaman ta’uus hubachiisaniiru.
Tajaajilicha bakkeewwan hundatti babal’isuun tajaajila ammayyaan fayyadamummaa waloo guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.