Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC)- Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob hawaasaaf tajaajila si’ataa dhaabbiidhaan kennuuf kan dandeessisu ta’uu ogeeyyiin miidiyaa ibsan.
Teknooloojii dijiitaalaa gutummaatti fayyadamuun tajaajilawwan mootummaa adda addaa bakka tokkotti kan kennu Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob, hawaasichi tajaajila barbaadu filannoowwan dijiitaalaa gargaaramee salphaatti bakka tokkotti akka argatuuf kan gargaaruu dha jedhameera.
Dhaabbileen 12 qindoomanii tajaajilawwan 41 kan itti kennan Masoobiin kan daawwatan ogeeyyiin miidiyaa, daawwiin akkanaa hawaasni waa’ee tajaajilichaa akka hubatuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.
Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob tajaajila dhaabbataa hawaasaaf kennuuf kan fayyadu ta’uu hubachuu isaanii eeranii, rakkooolee damichaan mul’atan furuu fi itti-quufiinsa maamilootaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.
Wiirtuuwwan akkanaa babal’isuu fi jajjabeessuun tajaajilli si’ataan hunda akka qaqqabuuf caalmaatti hojjechuu akka barbaachisus eeraniiru.
Mootummaan haala tajaajilli hawaasni barbaadu ariitiin yeroo gabaabaa keessatti itti kennamu uumaa akka jirus dubbataniiru.
Tajaajilli kun naannooleettis babal’atee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila kennuu akka eegaluuf hojjetamaa jiraachuunis eerameera.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.