Tajaajilli Giddugala Tokkoo Socho’aan tajaajila gara uummataatti dhiyeessa- Kantiibaa Adaanech Abeebeen

Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Tajaajilli Giddugala Tokkoo Socho’aan (Mobile Service) Masoob tajaajiloonni gara uummataatti akka dhiyaatan carraa uuma jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Tajaajila Giddugala Tokkoo Socho’aa (Mobile Service) Masoob hojii eegalchiisuu ibsaniiru.

Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa waggoottaniif turan furuuf mootummaan Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojiirra oolchuun tajaajilamaaf aara galfii uumuu ibsaniiru.

Gama qophaa’ummaa teeknooloojiin baasii kan qusatu, qulqullina tajaajilaa kan mirkaneessuufi giddugaloota hundatti tajaajila walfakkaataa kennuu kan dandeessisu ‘Unified Infrastructure Model’ hojiirra oolchuu danda’uu keenya gammachuu guddaanan ibsa jedhan.

Tajaajilli Giddugala Tokkoo Socho’aan sadarkaa guutuu ta’een tajaajila eegaluu ibsanii, uummanni iddoo jirutti tajaajila akka argatuuf carraa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Tajaajiloonni eegalamanis lakkoofsa kaffalaa gibraa (tin) baasuu ,eeyyama daldalaa baasuufi haaromsuu, tajaajila qorannoo fayyaa eenyama konkolaachisummaaf barbaachisu, waraqaa eenyummaa haaressuufi galmee guyyaa dhooltaa, waraqaa eeyyamaa konkolaachisummaa kennuufi lakkoofsa gabatee konkolaataa haaromsuu, tajaajila poostaa itiyoophiyaan kaffaltii fandii daandii raawwachuu, galmee eenyummeessaa biyyaalessaa fi sirreeffama ragaalee, fi tajaajila elektirikaa kaffaltiin duraa kennuu akka ta’e eeraniiru.

Tajaajilli guyyaa har’aa eegalame uummanni gara iddoowwan tajaajilli itti kennaman deemuu qofa osoo hin taane tajaajilli gara uummataatti akka dhiyaatuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment