Tajaajilli Hospiitaala waliigalaa Baalee Roobee fooyya’e – Tajaajilamtoota

Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018 (FMC) – Tajaajilli Hospitaala Waliigalaa Baalee Roobeerraa argatan fooyya’uu tajaajilamtoonni dubbatan.

Jiraattonni magaalaa Roobeefi aanaalee godina Baalee adda addaa irraa tajaajila wal’aansaa aragchuuf gara hospiitaalichaa dhufan tokko tokko Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti akka himanitti, kanaan dura nama deddeebiosuu fi wal’aansa ga’aa argachuu dhabuun hanqinni mul’ataa ture amma waan fooyya’eef tajaajila argatanitti gammadaniiru.

Fooyya’iinsi hospiitaalichatti mul’ate kun gara dhaabbilee fayyaa biroottis utuu babal’atee jedhaniiru.

Keessumaa rakkoon hordoffii ulfaafi da’umsaan walqabatee haadholee biraa ka’aa ture fooyya’iinsa agarsiisaa jiraachuu tajaajilamtoonni kunniin himaniiru.

Hoji-geggeessaan Hospitaala Waliigalaa Baalee Roobee Obbo Geetaahun Hayluu, hospitaalichi tajaajila fayyaa si’ataa fi dhaqqabamaa ta’e hawaasa biraan gahuuf hojjetaa akka jiru dubbataniiru.

Bara baajetaa 2018ttis namoota kuma100 fi kuma 60f tajaajila yaalaa adda addaa kennuuf karoorsee, ji’oottan sadan darbanitti namoota kuma 42 oliif tajaajila kennuu eeraniiru.

Kanneen keessaa kumni 5 fi 600 tajaajila dhibee ariifachiisaafi dahumsaan kan yaalaman ta’uus kaasaniiru.

Dandeettiin namoota ciisanii wal’aanaman simachuu isaas hanga kuma tokkootti guddachuu eeraniiru.

Hanqina dhiheessii qorichaa darbee darbee mul’atu furuufis dhaabbata dhiheessii qorichaa Itoophiyaa waliin hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Oliyaad Ahimadtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment