Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC)- Tajaajila tola ooltummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee harka qalleeyyii salphisuun danda’ameera jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Sagantaan beekamtii kennuu tajaajila tola ooltotaa bara 2017 magaalichaa gaggeeffamaa jira.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen wayita kana mootummaan fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf hojiilee jireenya namoota harka qalleeyyii fooyyessan hedduu hojjechuu ibsaniiru.
Gama Kanaan hirmaannaan hawaasaa olaanaa ta’uu kaasanii, magaalichatti hojiilee dargaggoota tola ooltotaan, ogeeyyii dameewwan garaagaraan fi abbootii qabeenyaan hojjetamaniin lammiilee hedduun fayyadamoo ta’uu eeraniiru.
Guddinni biyyaafi gaffiin gama maraa lammiilee mootummaa qofaan kan deebi’u akka hin taane ibsuun, mootummaan jijjiiramaa sagantaa namarratti xiyyeeffatu bocuun hojiileen hirmaachisaafi hammataa ta’an hojjetamuus yaadachiisaniiru.
Keessumaa tajaajila tola ooltummaa cimsuun hojiileen hojjetaman faayidaa olaanaa kan qaban ta’uu kaasanii, yeroo ammaa tola ooltummaan aadaa ta’aa dhufuurra darbee tokkummaa, waloomaafi waldeeggaruun hawaasa keessatti akka jabaatuuf carraa uumuu dubbataniiru.
Dargaggootaafi abbootii qabeenyaa tajaajila tola ooltummaa irratti hirmaatan galateeffachuun beekamtiin kun hirmaannaa isaanii yeroo itti aanuuf kaka’umsa uumuuf akka ta’e ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.