Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Tajaajilli Baankii Dhiigaafi Seelii Itiyoophiyaa tajaajilli wal’aansa yaalaa agartuu ijaa 315 milkaa’inaan raawwatameera jedhe.
Sosochiin biyyaalessaa gumaacha dhiigaafi agartuu ijaa jajjabeessuurratti kaayyeffate guyyaa boruu ni gaggeeffama.
Itti aanaan Daayriktara Olaanaa Tajaajilichaa obbo Habtaamuu Taayyeen akka ibsanitti, tajaajila wal’aansa agartuu ijaa waliin gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Bara baajataa 2017’tti tajaajila wal’aansaa agartuu ijaa 315 kennamuufi namoonni 522 agartuu ijaa isaanii gumaachuuf waadaa seenuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Tajaajila wal’aansaa agartuu ijaa bakkeewwan hundatti waluun gahuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasuun, yeroo ammaa hospitaalota Jimmaa, Hawaasaa, Goondar fi Maqaleetti kennamaa jiraachuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna