Finfinnee, Bitootessa 17, 2018(FMC) – Godina Shawaa Kaabaatti Aanaan Dabra Libaanos aanaa misooma jallisiin addatti beekamtuudha.
Qonnaan Bultoonni aanichaa addatti Kaarootii, Qullubii diimaa fi adii, Raafuufi Hunde diimaa jallisiin misoomsuun gabaa naannawaa hanga gabaa giddugaleessatti dhiyeessu.
Ganda Waakkeenneetti bakki addaa Taltallee jedhamu ammoo lafa gannaa bona oomisha kennuudha.
Taltalleen jallis irris albuuda jedhu qonnaan bultoonni gandichaa.
Gandichatti lafa hektaara 400 ol jallisii ammayyaan misoomaa jiruurraa qonnaan bultoonni 780 ol fayyadamoo ta’aa jiru.
Piroojektiin Kaanaalii hojjetame bishaan akka hin qisaasofneefi sirnaan itti fayyadamuun oomisha hanga eeganii ol akka argataniif isaan gargaaruu ibsan.
Tokkoon tokkoon isaanii bara oomishaa tokkotti bu’aa qulqulluu hanga Birrii kuma 400 olii argachaa jiraachuu dubbatan.
Deeggarsa ogummaafi hubannoowwan adda addaa kennameen lafa hektaara tokkorraa giddugaleessaan callaa kuntaalli 240 ol argamaa jiraachuu Bulchaan Aanichaa obbo Makonniin Yilmaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Akka aanicha lafa hektaara kuma 10 fi 217 sanyii akkaakuu garaagaraan uwwifamerraa callaa kuntaallli kumni 600 fi kumni16 ol ni eegama jedhan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia