Tapha guutuu Oromiyaa 27ffaa oolmaa guyyaa 2ffaan har’a dorgommiiwwan garaagaraa dorgomaman

Finfinnee, Ebla 27, 2017 (FMC) – Tapha guutuu Oromiyaa 27ffaa magaalaa Ambootti eegalmeen oolmaa guyyaa 2ffaan har’a dorgommiiwwan garaagaraa dorgomamaniiru.

Tapha Kubbaa Miilaan har’a taphatamaniin Shaggar galchii 2 fi 1n Iluu Abbaa Booraa, Magaalaan Baatuu galchii 2 fi 0n Harargee Bahaa, Qeellem Wallaggaa 2 fi 1 Bulchiinsa Magaalaa Shaashemaannee yoo injifatan, Bulchiinsi Magaalaa Walisoo galchii 1 fi 0n Shawaa Bahaa injifateera.

Taphni Shawaa Kaabaa fi Godina Arsii gidduutti taphatame ammoo galchii 1 qixa xumurameera.

Taphni Magaalaa Jimmaa fi Godina Jimmaa gidduutti sa’aatii 10:00 irraa eegalee taphatamu ni eegama.

Dorgommii fiigicha meetira kuma 10’n dubartoota gidduutti dorgomameen ammoo Warqinash Abajjee fi Boontuu Damissee Bulchiinsa magaalaa Shaggarraa1ffaa fi 2ffaa yoo bahan, Leellisee Dhibbisaa godina shawaa Lixaarraa 3ffaa bahuun xumurte.

Shaampiyoonaan Tapha Guutuu Oromiyaa 27ffaan Godinaalee Oromiyaa 21fi Bulchiinsoota Magaalaa 22 hirmaachiisuun Magaalaa Ambootti eegalame Ispoorteessitootni kuma 8fi 500 ol gosoota Ispoortii 24’n torbee 2’f walmorkachaa turu.

Siifan Magaarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment