Tapha waancaa Afrikaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu

Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC) – Tapha waancaa Afrikaa Moorookootti gaggeeffamaa jiruun guyyaa har’aa taphoonni 4 ni taphatamu.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 irraa eegalee Rippaabiliikin Dimookiraatawaa Koongoon Beeniin waliin ni taphatu.

Galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee Seeneegaal Bootiswaanaa, sa’aatii 2:30 irraa eegalee Naayijeeriyaan Taanzaaniyaa waliin yoo taphatan, halkan sa’aatii 5:00 irraa eegalee ammoo Tuuniiziyaafi Yugaandaan ni morkatu.

Taphoota kaleessa taphatamaniin Afrikaan Kibbaa Angoolaa akkasumas Ijipti Zimbaabuwee goolii 2 fi 1 yoo injifatan Maaliifi Zaambiyaan goolii 1 fi 1’n qixa bahaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment