Finfinnee, Waxabajjii 19, 2017 (FMC )- Taphi Guutuu Itiyoophiyaa 6ffaan Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa ture olaantummaa Naannoo Oromiyaan xumurameera.
Ispoortiin walooma ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa qaba jedhan Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Saadaat Nashaan.
Obbo Saadaat sagantaa cuufinsaa tapha guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa magaalaa Jimmaatti taasifamaa ture irratti argamuun haasawaa taasiisan, Ispoortiin dorgomuu qofaaf osoo hin taanee meeshaa hawaasa walitti fiduun walooma isaanii ittin cimsatan ta’eera jedhan.
Qophii Naannoon Oromiyaa taasiiseen taphichi milkaa’inaan xumuramuutti gammaduu ibsaniiru.
Naannoon Oromiyaa gosoota Ispoortii 19 meedaaliyaawwan 239 walitti qabachuun olaantummaan yoo xumuru, Finfinneen meedaaliyaa 216 fi Amaaraan 141 sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.
Waliigalaan Oromiyaan Gosoota Ispoortii 26 dorgomamaa tureen meedaaliyaa 416 argateera.
1ffaa baaheera.
Abdurrahmaan Mohaammaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.