Finfinnee, Caamsaa 10, 2017(FMC) – Tapha Piriimer Liigii Ingilaandi torbee 37ffaan taphni Arsenaal Niwukaasil Yuunaayitid waliin har’a galgala sa’aatii 12:30 irratti taphatu ni eegama.
Tapha kana dursee sa’aatii 10:15’tti Nooteenghaam Foorest dirree isaan ala Weestihaam Yuunaayitid waliin ni morkata.
Taphoota biroon Evertan Sawuzhaampitan waliin sa’aatii 8:00 irratti, Leestar Siitiin Ipiswiich Taawun waliin akkasumas Bireentifoord fi Fuulhaam sa’aatii 11:00 irratti ni taphatu.