Taphni Maanchistar Siitiifi Liidsi Yuunaaytid ni eegama

Finfinnee, Guraandhala 21, 2018 (FMC) – Piriimer Liigii Ingiliz torbee 28ffaan Maanchistar Siitiin garaagarummaa qabxii dursaa liigichaa Arsenaal waliin qabu dhiphisuuf Liidsi Yuunaayiti waliin ni morkata.

Liigichaan guyyaa har’aa taphoonni shan kan taphataman yoo ta’u galgala sa’aatii 2:30 irraa eegalee Maanchistar Siitiifi Liidsi Yuunaayitid ni taphatu.

Tapha kana dursee sa’aatii 12:00 irraa eegalee Liivarpuul fi Weestihaam wal morkatu.

Sa’aatuma walfakaataatti Niwukaasil- Eevartan, Barnileey ammoo Bireentifoordi waliin ni taphatu.

Guyyaa sa’aatii 9:30 irraa eegalee sadarkaa 8ffaafi 12ffaa irratti kan argaman Barnimaawuz fi Sandarlaand kan taphatan ta’a.

Tapha Piriimer Liigii Ingiliz torbee 28ffaa guyyaa kaleessaa taphatameen Woolvis Astonviilaa galchii 2 fi 0’n injifachuun kan yaadatamudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment