Taphni Maanchister Yuunaayitid fi Atleetik Biilbaa’oo har’a taphatan tapha eegamaa dha

Finfinee, Ebla 30, 2017(FMC) – Tapha deebii Walakkaa xumuraa Yuurooppaa Liigiin Maanchistar Yuunaaytid dirree isaa Oltraafoorditti halkan saa’a afur irratti Atileetik Biilbaa’oo keessummeessa.


Tapha marsaa jalqabaan Maanchistar Yuunaaytid gara Ispeen deemuun qabxii 3-0’n mo’atee deebi’uun kan yaadatamuu dha.

Gareen lamaanuu tapha dhuma torbaniitti Liigii isaanii keessatti taphataniin injifachuu hindandeenye.

Gareewwan kunniin kanaan dura si’a torba kan waliin taphatan yoo ta’u, lamaanuu si’a sadi sadii yoo wal injifatan, tokkoon ammoo walqixa ba’aniiru.

Leenjisaan Maanchistar Yuunaayitid Ruban Amooriim taphicha dursanii yaada kennaniin seenaa keenya keessatti waggaa mufachiisaa yoo ta’es, waancaa liigii Yuurooppaa injifannee xumuruu dandeenya jechuun ibsaniiru. Garuu jedhan, waggichi baay’ee kan nama aarsuu dha.

Atileetiik Biilbaa’oon tapha har’aa kana irratti taphattoota isaa murteessoo ta’anYaniikoo Wiiliyaamsi,Inaakii Wiiliyaamsi fi Saanseet hirmaachisuu hin danda’u.

Tapha walakkaa xumuraa Yuurooppaa Liigii kan biraan ammoo saa’atii walfakkaataatti Tootanihaam Hootispar dirree isaan ala Boodoo Giliimti waliin ni taphata.

Isaanis tapha marsaa jalqabaan Tootanihaam Hootispar 3-1’n mo’achuun kan yaadatamuu dha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment