Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Afrikaa 35ffaan har’a taphoonni lama ni taphatamu.
Galgala sa’aatii 1:00 eegalee Seeneegaal Sudaan waliin taphatti.
Biyyoonni lamaan taphoota waltajjiiwwan adda addaarratti waliin taphatan 7 keessaa Seeneegaal yeroo 4 injifachuun olaantummaa qabdi.
Taphoota 3 ammoo qabxii qooddataniiru.
Sudaan seenaa keessaatti Seeneegaal injifattee hin beektu.
Halkan sa’aatii 4:00 eegalee morkiin Maaliin Tuuniziyaa waliin taasiftu ni eegama.
Biyyoonni lamaan taphoota waliin taphatan 9 keessaa Maaliin yeroo 3 yoo injifattu, Tuniiziyaan si’a 3 injifachuun, si’a 3 ammoo qabxii qooddataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.