Finfinnee, Amajjii 1, 2018 (FMC) – Taphoonni nuusa xumuraa Waancaa Afrikaa 35ffaa har’aa eegaluun taphatamu.
Har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee Maaliin Seeneegaal waliin morkatti.
Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 7 keessaa Seeneegaal yeroo 5 injifachuun olaantummaa qabdi.
Taphoota 2 ammoo qabxii qoodataniiru.
Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee morkiin Kaameeroon qopheessituu waancichaa Moorookoo waliin taasiiftu ni eegama.
Biyyoonni lamaan taphoota waltajjiiwwan garaagaraatti waliin taphatan 13 keessaa Kaameeroon yeroo 7 yoo injifattu, Moorookoon si’a 2 injifachuun, taphoota 4 ammoo qabxii qooddataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.