Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 8ffaan boruu eegaluun taphatamu

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2018(FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 8ffaan tapha boru Notiingihaam Foresti Cheelsii keessummeessuun eegalamu.

Boru waaree booda sa’aatii 8:30 irraa jalqabee Notingahaam Forest – Cheelsii waliin yoo taphatu, sa’aatii 11:00 eegalee ammoo taphoonni 5 ni taphatamu.

Waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Sandarlaand – Woolviis, Barnileey – Liidis Yuunaayitiid, Kiristaal Paalaas – Boornimaawooz, Biraayitan – Niwuukaasiil, akkasuma Maanchiister Siitiin – Eevartan waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 1:30 eegalee Fuulhaam – Arsenaal waliin falmata.

Dilbata waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Tootenhaam – Astoon Viilaa waliin yoo morkatu, galgala sa’aatii 12:30 jalqabee taphni guddaan torbee kanaa Liiverpuul Maanchiister Yuunaayitiid keessummeessu ni eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 206 keessaa Liiverpuul yeroo 67 yoo injifatu, Maanchiister Yuunaayitiid si’a 80 injifachuun yeroo 59 ammoo qabxii qoodataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment