Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 17ffaan har’aa eegaluun hanga wiixataatti taphatamu

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 17ffaa har’aa eegaluun hanga Wiixataatti taphatamaniin falmiin Niwuukaasiil Cheelsii fi Tootanhaam ammoo Liiverpuul waliin taasisan ni eegama.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee morkiin Niwuukaasiil Cheelsii waliin taasisu akkaan eegama.
Cheelsiin qabxii 28’n sadarkaa 4ffaarratti yoo argamu, Niwuukaasiil ammoo qabxii 22 sadarkaa 12ffaarratti argama.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 179 keessaa Cheelsiin yeroo 81yoo injifatu, Niwuukaasiil si’a 58 injifachuun yeroo 40 ammoo qabxii qoodataniiru.

Galgala sa’aatii12:00 jalqabee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’u, Boornimaawuuz – Barnileey, Biraayitan – Sandarlaand, Maanchiister Siitiin Weest Haam, akkasuma Woolviis – Bireentifordi waliin morkata.

Halkan sa’aatii 2:30 jalqabee Tootanhaam Liiverpuul keessummeessa.

Liiverpuul qabxii 26’n sadarkaa 7ffaarratti yoo argamu, Tootenhaam ammoo qabxii 22’n sadarkaa 11ffaarratti argama.

Kilaboonni lamaan bara Faranjootaa 1909 jalqabanii hanga ammaatti taphoota waliin taphatan 186 keessaa Liiverpuul yeroo 90 yoo injifatu, Tootenhaam si’a 50 injifachuun, al 46 ammoo qabxii qoodataniiru.

Akkasuma halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Eevartan dursaa liigichaa Arsenaal yoo keessummeessu, Liidis Yuunaayitiid sa’aatuma walfakkaattuuti Kiristaal Paalaas keessummeessa.

Falmiin Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan Kibala waggoota 6’f taphataa ta’ee tajaajilaa ture waliin taasisu kun ni eegama.

Boru galgala sa’aatii 1:30 eegalee Astoon Viilaan Maanchiister Yuunaayitiid waliin taphata.

Astoon Viilaan qabxii 33’n sadarkaa 3ffaarratti yoo argamu, Maanchiister Yuunaayitiid qabxii 26’n sadarkaa 6ffaarra jira.

Wiixata halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Fuulhaam – Notingahaam Foresti waliin morkata.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment