Taphoonni Piriimeer liigii Ingiliiz torbee 9ffaan har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – ‎ Taphoonni Piriimeer liigii Ingiliiz torbee 9ffaan tapha har’a Liidis Yuunaayitiid Weest Haam keessummeessuun eegalamu.

Har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Liidis Yuunaayitiid Weest Haam waliin taphata.

Boru waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee Cheelsiin – Sandarlaandi, Niwuukaasiil ammoo Fuulhaam waliin taphatu.

Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee taphni Maanchiister Yuunaayitiid Biraayitan keessummeessuu ni eegama.

Akkasuma halkan sa’aatii 4:00 jalqabee falmiin Bireentifoordi Liiverpuul waliin godhu xiyyeeffannoo argateera.

Dilbata waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’uu, Arsenaal – Kiristaal Paalaas, Astoon Viilaan- Maachiister Siitii, Boornimaawuuz – Notiingihaam Forset, akkasuma Woolviis – Barnileey waliin taphatu.

Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Evartan – Tootenhaam waliin morkata.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment