Finfinnee, Amajjii 22, 2018 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 18ffaan tapha har’a Midira Gannat Shireen Madin Itiyoophiyaa keessummeessuun eegalamu.
Har’a taphoonni 3 kan taphataman yoo ta’uu, waaree booda sa’aatii 9:00 jalqabee Midira Gannat Shireen Istaadiyeemii Finfinneetti Madin Itiyoophiyaa keessummeessa.
Sa’aatuma walfakkaatuutti Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Magaalaan Hawaasaa Itiyoo – Elektirikii waliin taphata.
Galgala sa’aatii 12:0 eegalee Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Walaayittaa Diichaan Magaalaa Adaamaa waliin taphata.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 33’n liigichi yoo dursu, Machaalii fi Hawaasaan qabxii walqixaan galchiin walcaaluun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.
Liigichaan ga’umsa olaanaa agarsiisaa kan jiru Nageellee Arsiin qabxii 29’n galchiin caalamuun sadarkaa 4ffaarra jira.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.