Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan har’a taphni Maanchiister Siitiin – Naappoolii fi Niwuukaasiil ammoo Baarseloonaa waliin taphatan ni eegamu.
Maanchiister Siitiin har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee morkiin Naappoolii waliin taasiisu xiyyeeffannoo argateera.
Taphataan duraanii Maanchiister Siitii Keevan Diibrooyin har’a faallaa kilaba isaa ta’uun taphata.
Sa’aatuma walfakkaatuutti falmiin Niwuukaasiil Baarseloonaa waliin godhu ni eegama.
Akkasuma halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Firaankifart – Gaalaataasaraay, Ispoortiingi – Kaayiraat waliin taphatu.
Taphoota kanneen dursee galgala sa’aatii 1:45 irraa eegalee Kilab Biruj – Moonaakoo fi Kooppaan Hagan ammoo Baayer Leverkuusan waliin taphatu.
Taphoota eda taphatamaniin Baayerni Muunik galchii 3 fi 1n Cheelsii, Liiverpuul galchii 3 fi 2n Atileetikoo Maadriid, PSG galchii 4 fi 0n Atalaantaa injifachuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia