Finfinnee, Bitootessa 8, 2018 (FMC) – Taphoonni mo’anii darbuu marsaa 2ffaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa carraa kilaboota Ingiliiz murteessan har’a eegaluun taphatamu.
Tapha marsaa jalqabaan Riyaal Maadriidiin galchii 3 fi 0’n kan injifatame Maanchiister Siitiin falmiin har’a dirree isaarratti taasisu ni eegama.
Akkasuma PSG’n galchii 5 fi 2’n kan injifatame Kilabni Lixa Landan Cheelsiin morkii xiiqii taasisaan eegama.
Carraa fooyya’aa kan qabu Arsenaal Leeverkuusan waliin taphata.
Taphooni sadanuu halkan sa’aatii 5:00 eegaluun taphatamu.
Taphoota kanneen dursee galgala sa’aatii 2:45 jalqabee Ispoortiing Liizban taatee addaa taphoota shaampiyonsi Liigii Awurooppaa bara kanaa kan ta’e Boodoo Gilimti keessummeessa.
Siitii fi Cheelsiin raajii hojjechuun tapha nuusa xumuraaf darbu ammoo shaampiyoonsi liigicha keessaa gaggeeffamuun waan akkaan eegamuudha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.