Finfinnee, Amajjii 12, 2018 (FMC) – Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 7ffaan har’aa eegaluun taphatamu.
Taphni har’a halkan sa’aatii 5:00 eegalee Intermiilaan Arsenaal keessummeessu ni eegama.
Arsenaal taphoota hanga ammaatti taphate hunda injifachuun gabatee Shaampiyoonsi Liigichaa dursaa jira.
Taphoota 6 irratti galchiiwwan 17 lakkoofsisuun galchii tokko qofa keessummeesse.
Arsenaal har’a qabxii tokko argannaan gara tapha mo’anii darbuuf gahuu mirkaneeffata.
Seerii A dursaa kan jiru Intermiilaan gama isaan qabxii 12’n sadarkaa 6ffaarratti argama.
Taphoota biroon galgala sa’aatii 12:30 jalqabee Kaayiraati -Kilab Biruuj waliin taphata.
Galgala sa’aatii 2:45 jalqabee Boodoo Giliimti Maanchiister Siitii keessummeessa.
Halkan sa’aatii 5:00 irraa eegalee Kooppan hagan – Naappoolii, Olimpiyaakoos – Baayer Liivarkuusan, Riyaal Maadriid – Moonaakoo, Ispoortiing Liizbaan – PSG, Tootenhaam – Doortimand, akkasuma Viilaariiyaal – Ayaaksi waliin taphatu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.