Finfinnee, Onkololeessa 25, 2018 (FMC) – Taphootni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaan 4ffaan har’aa eegaluun taphatamu.
Taphoota marsaa 4ffaa kanaan taphni Liiverpuul Riyaal Maadriid keessummeessu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Riyaal Maadriid Waancaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa yeroo 15 injifachuun isa jalqabaa yoo ta’u, Liiverpuul yeroo 6 injifachuun sadarkaa 4ffaa qabatee jira.
Kilaboonni lamaan taphoota waliin 12 keessaa Riyaad Maadriid yeroo 7 yoo injifatu, Liiverpuul si’a 4 injifachuun tapha1 qabxii qoodataniiru.
Maadriid taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kana  taphate sadanuu injifateera.
Liiverpuul ammoo lama injifachuun tokko injifatameera.
Morkiin har’a halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Istaadiyeem Infiilditti taasifamu kun ni eegama.
Taphoota biroon har’a galgala sa’aatii 2:45 jalqabee Naappooliin – Firaankifarti, Islaaviyaa Piraag Arsenaal waliin taphatu.
Akkasuma halkan sa’aatii 5:00 jalqabee taphni PSGn Baayerni Muunik keessummeessu xiyeeffannoo argateera.
PSGn  taphoota bara kana taphate 14 keessaa 10 injifachuun,3 qixa bahuun 1 injifatame.
Baayerni Muunik taphoota bara kana hanga ammaatti 15 hunda injifateera.
Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 14 keessaa Baayreni Muunik yeroo 8 yoo injifatu, PSGn si’a 6 injifateera.
Taphoota shaampiyoonsi liigii bara kanaanis qabxii walqixa qabu.
Muunik yeroo 6 waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa yoo injifatu, PSGn yeroo 1 qofa injifate.
Sa’aatuma walfakkaatuutti Tootenhaam – Kooppan Hagan, Olompiyaakoos – PSV, Booddoo Giliimt – Moonaakoo, Juuveentuus – Ispoortiing, akkasuma Atileetikoo Maadriid ammoo USG waliin morkatu.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.