Finfinnee, Mudde 19, 2018 (FMC) – Tapha waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Morookoon gaggeeffamaa jiruun har’a taphoonni marsaa 2ffaa afur ni taphatamu.
Waaree booda sa’aatii 9:30 jalqabee Gaaboon Moozaambik waliin morkatti.
Tapha marsaa jalqabaan Gaaboon Kaameeruuniin, Moozaambik ammoo Kootidivoweeriin injifatamuun kan yaadatamuudha.
Galgala sa’aatii 12:00 eegalee Ikkuwaatooriyaal Giiniin Sudaan waliin falmatti.
Akkasumas halkan sa’aatii 2:30 jalqabee Aljeeriyaan Burkiinaa Faasoo waliin taphatti.
Halkan sa’aatii 5:00 eegale immoo morkiin Kootidivowaar Kaameeruun waliin taasiftu tapha eegamuudha.
Gareewwan lamaan taphoota 11 waltajjiiwwan adda addaarratti waliin taphatan 11 keessa Kaameeruun yeroo 4 yoo injifattu, Kootidivowaar si’a 4 injifachuun yeroo 3 ammoo qabxii qoodataniiru.
Shaampiyoonaan Waancaa Afrikaa 34ffaa Kootidivowaar falmiin har’a warra leencotaa waliin taasiftun ni eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.