Taphoota Waancaa FA’n har’a falmiin Woolviis Liiverpuul waliin taasisu ni eegama

Finfinnee, Guraandhala 27, 2018 (FMC) – Taphoota Waancaa FA marsaa 5ffaan taphni har’a Woolviis Liiverpuul keessummeessu ni eegama.

Taphni kun har’a halkan sa’aatii 5:00 eegalee taphatama.

Kilaboonni lamaan guyyoota sadi dura tapha Piriimeer Liigii waliin taphataniin Woolviis galchii 2 fi 1’n Liiverpuul injifachuun kan yaadatamuudha.

Liiverpuul yeroo 8 shaampiyoonaa waancaa FA ta’eera. Woolviis ammoo si’a 4 waancicha fudhateera.

Liiverpuul bara Faranjootaa 2022 waancicha injifatee ture, Woolvis ammoo erga waancicha injifatee waggoota 66 ol lakkoofsiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment