Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Yaa’ii Idileen 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaan gaggeeffamaa jira.
Yaa’ichaaf gabaasa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii kan dhiyeessan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, baatiwwan jahan darban keessa tarkaanfii qindaa’aa fudhatameen shira biyya diiguu diina keessaa fi alaa maseensuun danda’ameera jedhan.
Humnoota badii ummata dararan, saamanii fi shororkeessanirratti tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu fudhatamaa jiraachuu kaasan.
Tarkaanfii qindoomaa fudhatameen diinota hedduun barbadaa’uu, kaan booji’amuu fi gariin ammoo qaamolee nageenyatti harka kennachuu dubbatan.
Hojii nageenyaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu hojjetamaa ture keessatti qaamoleen nageenyaa aarsaa qaqqaalii kaffaluu ibsan.
Qaamoleen waamicha mootummaa fudhachuun karaa nagaa filataniif mootummaan naannichaa galata guddaa qabu jedhan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa nageenya mirkaneessaa, olaantummaa seeraa kabachiisaa hojiilee misoomaa karoorfate raawwachuun jijjiirama qabatamaa galmeessuu himan.
Gara fuulduraas qormaatilee kamiiyyuu cichoominaan ce’uun milkaa’inoota argaman caalmaatti waareessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu mirkaneessan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.