Tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030’n sirni bulchiinsa odeeffannoo bu’aa qabeessi akka jiraatu ni taasifama- Dooktar Injinar Warquu Gaachanaa

Finfinnee, Mudde 15, 2018 (FMC) – Tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030’n sirni bulchiinsa odeeffannoo bu’aa qabeessi akka jiraatu ni taasifama jedhan Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Warquu Gaachanaan.

Dooktar Injinar Warquu Gaachanaan sagantaa xumura tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 fi jalqabsiisa tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 irratti ibsa kennaniin, tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf teeknooloojiiwwan haaraan hojiirra ni oolfamu jedhan.

Tarsiimoon kun guddina teeknooloojii hammataa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kaasanii, karoora qabame dhugoomsuuf teeknooloojiiwan haaraan damicha ceesisuu danda’an hojiirra kan oolfaman ta’uu ibsaniiru.

Teeknooloojiiwwan kunneen diinagdee diijitaalaa sirreessuu, hojiilee bulchiinsaa mootummaa ammayyeessuufi carraawwan haaraa kan uuman ta’uus eeraniiru.

Teeknooloojiiwwan hubannoo namtolcheefi roobootiksiin tarsiimoo Kanaan hojiirra kan oolfaman ta’uu eeruun, teeknooloojiiwwan kunneen dameewwan faayinaansii, fayyaa, qonnaa, manuufaakchariingii, daldalaafi kanneen biroo keessatti hojiirra kan oolan ta’uu hubachiisaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment