Finfinnee, Sadaasa 30,2018 (FMC)- Waggoottan shanan dhufanitti tarsimoon diinagdee diijitaalaa Itiyoophiyaa hogganuu danda’u bocamee hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi.
Sagantaan baniinsa konfiraansii 2ffaa kaffaltii Diijitaalaa Itiyoophiyaa gaggeeffameera.
Ce’umsa diijitaalaa Itiyoophiyaa irrattis akkuma biyyoota guddatanitti hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan.
Dirreen faayinaansiin diijitaalaa bu’uura bal’aa qabaachaa dhufuu eeruun, bu’aan galmaa’ees qindoominaan hojjetamuun kan argame ta’uu ibsaniiru.
Fuuldurattis cichoominaan hojjechuun garaagarummaa fayyadamummaa korniyaa, Baadiyyaa fi Magaalaa gidduu jiru fooyyeessuun barbaachiisaadha jedhan.
Itiyoophiyaan Ce’uumsa diijitaalaa tokkoffaa xumuruun lammaffaa eegaluu ibsuun, muuxannowwan cimsanii itti fufsiisuuf kan dandeessiisu ta’uu kaasaniiru.
Bara kana irraa eegalee hojiirra kan oolu karoorri tarsimoo waggaa shanii diinagdee kan saffisiisuufi hirmaachiisaadhas jedhan.
Layikuun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.