Tatamsa’ina dhibee Busaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – BFO

Finfinnee, Adoolessa 11, 2017 (FMC) – Oromiyaatti tatamsa’ina Dhibee Busaa ittisuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.

Godinaalee dhibichaaf saaxilamoo ta’an adda baasuun hojiin dursanii ittisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayrekterri Ittisa Dhukkubaa obbo Daarajjee Addunyaan.

Yeroo ammaa Godinaalee Wallagga Lixaa fi Qellem Wallaggaa aanaalee 12 keessatti hojiin biiffaa keemikaala farra Busaa gaggeeffamaa jiraachuu kaasan.

Biiffaan kun namoota dhibichaaf Saaxilamoo ta’an miiliyoona 1.6 baraaruu danda’a jedhan obbo Darajjeen.

Godina Jimmaa, Iluu Abbaa Boor,Buunnoo Beddellee, Shawaa Lixaa fi Godinaalee Wallaggaa arfanitti Agoobarri miiliyoonni 2.1 ol ta’u raabsamaa jiraachuu eeran.

Godina Jimmaa Aanaalee 9 bakkeewwan mallattoon dhibichaa itti mul’atanitti saaphanni Siree raabsamuu eegaluu himan.

Dabalataan hojiin qulqullina naannoo eeguu hawaasa hirmaachisuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbachuun, bakkeewwan Busaan itti walhoruu dandeessurratti xiyyeeffachuun hojiin dursanii ittisuu qindoominaan hojjetamaa jira jedhan obbo Darajjeen.

Kilaasteroota dhibichaaf saaxilamoo ta’anitti ogeeyyii fi Tola ooltoota hawaasa keessatti bobbaasuun hojiin hubannoo uumuu fi maddoota dhibichaa gogsuu hojjetamaa akka jiru ibsan.

Namoonni dhibichaaf saaxilaman yaala akka argatan buufataalee fi dhaabbilee fayyaaf qorichi dhiyaachaa jiraachuus himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment