Finfinnee, Caamsaa 28, 2017(FMC) – Tattaaffii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa karaa nagaafi dippiloomaasiin argachuuf taasistu mootummaan Ameerikaa ni deeggara jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Eerviin Maasiingaan.
Itiyoophiyaan guddina diinagdee ariifachiisaa galmeessaa jiraachuu kaasanii, naannawaa Gaanfa Afrikaatti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf Ameerikaan Itiyoophiyaa waliin ni hojjetti jedhan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan karaa nagaafi dippiloomaasii ulaa galaanaa argachuuf akka hojjettu ibsaa turuun isaanii kan yaadatamudha.
Ambaasaaddar Eerviin Maasiingaan Itiyoophiyaan biyya baay’ina uummataa hedduu qabduufi guddina diinagdee ariifachiisaa galmeessaa jirtu ta’uu kaasanii, guddinni ariifachiisaan kun kan itti fufu ta’uu isaaf tilmaamni jiraachuu ibsaniiru.
Mul’ata Itiyoophiyaan diinagdee dorgomaa ijaaruuf qabdu milkeessuuf filmaata ulaa galaanaa babal’isuun murteessaa ta’uufi tattaaffii isheen ulaa galaanaa karaa nagaafi dippiloomaasiin argachuuf taasistu mootummaan Ameerikaa kan deeggaru ta’uu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan naannawichi akka tasgabbaa’uuf gahee bahachaa jiraachuufi Ameerikaan Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf ejjennoo cimaa qabachuus kaasaniiru.
Naannawichatti tasgabbiifi nageenya mirkaneessuuf biyyoonni lameen waloon kan hojjetan ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.