Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC) – Teeknooloojiin Diroonii Poolisiin tajaajila fooyya’aa akka kennu kan taasisu ta’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.
Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Giddugala leenjii Diroonii Waajjira Muummeetti gurmaa’e eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.
Dirooniiwwan haaraan galan nageenya magaalaa to’achuurra darbee eegumsa naannawaa daangaa fi daddabarsa Kontiroobaandii ittisuuf kan dandeessisan ta’uu ibsaniiru.
Poolisiin hidhannoo ammaayyaa hidhachuun akkaataa mirga namoomaa kabajeen hojii ga’umsa qabu hojjechuuf kan gargaaru ta’uu dubbachuu ragaan Poolisii Federaallaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia